Awurooppaan kallattii sirriirra imalaa hin jirtu- Tiraamp

Doonaald Tiraam Fooramii Dinagdee Addunyaa Deevos irratti 'Awurooppaan kallattii sirriirra imalaa hin jirtu' jedhe. Dhimmi Giriinlaand, Venezuweelaa fi Taarifaa dubbii ijoo tahu jedhamanii eegamu.

Guduunfaa

  • Tiraamp erga dhimma Itoophiyaa fi Masrii irratti xalayaa barreesse El-Sisii waliin wal arguufi
  • Ibsi ilmi Museveenii namoota hedduu rifachiise maali?
  • Waa'ee murteessaa tapha Morookoo fi Senegaal taphachiisee maal beekna
  • Somaaliyaa fi Qaataar waliigaltee waraanaa mallatteessan
  • Giriinlaand fudhachuuma qabna - Traamp

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Egereen Saalaah harka manaajeraa fi kilabichaa jira- Siboosilaay

    Mohaamd Saalaah fi Doominik Siboosilaay

    Madda suuraa, Getty Images

    Doominik Siboosilaay yeroo Mohaammad Saalaah tapha Waancaa Afrikaaf deemetti "guyyaa guyyaan waliin akka dubbatan hime.

    Haata'u malee, taphataan Liiverpuul umuriin isaa waggaa 25 kun gara fuula duraatti Liiverpull keessa ni turaafi ni dhiisaa isaarratti garuu waan ta'uu malu dubbachuu hin barbaadne.

    Saalaah'n Waancaa Afrika irraa deebiyee tapha Shaampiyoons Liigii Awurooppaa Roobii boruu Marsilee waliin taphatan irratti qophii gareen Liiverpull taasisu keessatti makameera.

    Taphataan Masirii umuriin isaa waggaa 32 kun erga gaaffiifi deebii tokkorratti walitti dhufeenyi manaajera Liiverpuul Arnee Siloota waaliin qaban gaarii akka hin taane dubbatee kaasee egereen isaa gaaffii keessa galeera.

    "Nuti waliin haasa'aa jirra. Ni dhufa, darbinee waliin itti fufna. Murteen [garuu] manaajeraa fi kilabicha gidduudha," jedhe Siboosilaay.

  2. Mootummaan Ameerikaa hoggantoota olaanoo paartii Dimookiraatotaa lamarratti qorannoo eegale

    Humnoota nagaa kabachiisan

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Humnoota nagaa kabachiisan

    Waldhabdeen bulchiinsa Tiraamp fi hoggantoota kutaa Minisootaa gidduu jiru hammaataa dhufuu hordofee, himannaan raawwachiisummaa immigireeshinii federaalaa gufachiisuun dimookiraatota beekamoo ta’an lama irratti qorannoon gaggeefamaa jira.

    Bulchaan Tim Walz fi kantiibaan magaalaa Minneapolis Jaakob Firee yaada waa’ee dhimma godaansaa irratti kennan ilaalchisee Ministeera Haqaa Ameerikaatiin qorannoon isaan mudachuu michuun BBC Ameerikaa jiru CBS gabaasera.

    Qorannoon kun kan gaggeeffamus yeroo abbaan murtii federaalaa tooftaalee dhimma godaansaa fi qondaaltonni seera kabachiisan biroo Minneapolis keessatti fayyadamuu danda’an daangeesseetti.

    Torban darbe qondaalli gumurukaa dubartii tokko rasaasaan rukutee ajjeesuu hordofee mormiin magaalattii keessatti ka’eera.

    Bulchaan Walz oduu qorannoo isarratti gaggeeffamuuf deebii kenneen "adeemsa sirrii mormitoota keerratti mirkaneessuun tooftaa cimaadha, ajjechaa dubartii irratti raawwatame kanaan kan hin qoratamne qondaala federaalaa isa dhukaase qofa."jechuun qeeqe.

    Kantiibaan magaalaa Miniyaapoolis Jaakoob Firey ibsa BBC'f kennaniin, ''sodaa hin qabnuu'' jedhan. Firey ergamtoonni immigireeshinii Minneapolis akka gadhiisan gaafateera.

    BBC'n waa'ee qorannoo kanaa odeeffannoo argachuuf Ministeera Haqaa qunnamee jira.

    Qorannoon kun seera federaalaa, namoonni lamaa fi isaa ol qondaaltonni federaalaa hojii mootummaa raawwachiisan dhorkuu “humnaan, sodaachisuun ykn doorsisuudhaan” shira xaxuun yakka ta’a jechuun qondaalli U.S. tokko CBStti himeera.

  3. Ibsa ilma Museveenii namoota hedduu rifachiise

    Jeneraal Muhuzi Kainerugaba

    Madda suuraa, Jeneraal Muhuzi Kainerugaba

    Ibsa waa'ee suuraa, Jeneraal Muhuzi Kainerugaba

    Ilmi Pirezidaantii Yugaandaa Yuweerii Museeveenii fi hogganaan waraana biyyattii Jeneraal Muhuzii Kahinerugabaa filannoo abbaan isaanii injifaterratti dorgomaa cimaa kan turan hogganaan paartii mormituu akka harka kennatan akeekachiisa cimaa baasan.

    Jeneraalichi fuula miidiyaa hawaasaa irratti akka maxxansanitti, hogganaan paartii mormituu fi weellisaan duraanii Boobii Waayin, erga filannoo booda nageenya isaa sodaachuun dhokatee ture, sa’aatii 48 keessatti akka harka kennatan ajajeera.

    Boobii Wayiniin bu’aan filannoo pirezidaant Museveniin umurii waggaa 81tti marsaa torbaffaa injifate osoo hin ifoomiin dura humnoonni nageenyaa mootummaa mana isaatti to’annaa jala oolchuuf erga dhufanii booda miliqee dhokatee akka jiru beeksise.

    Sagaleen filannoo sanaa utuu hin ifoomiin dura Boob Wayiniin irra deddeebiin filannoon sun waliin dhahamuu fi sagaleen hatamuu ibsuun mormii karaa nagaa akka gaggeeffamu gaafateera.

    Jeneraalli kun abbaa isaa kan bakka bu'u ta'uun kan amanamu yoo ta'u, miidiyaa hawaasaa irratti nama siyaasaa mormitootaaf akeekkachiisa cimaa kennuun beekamu.

    Boobii Weeyin X irratti "sa'aatii 48 keessatti poolisiitti harka yoo hin kennine akka nama seeran ala seeneetti ilaalama, tarkaanfiin irrattis ni fudhatama" jechuun maxxanseera.

    Jeneraalichi tarkaanfii kana maxxansa miidiyaa hawaasaa kan biraa irrattis, "Torban darberraa eegalee shororkeessitoota NUP [Bobbi Wine Party] 22 ajjeesneerra" jechuun himate.

    Filannoo kanaan walqabatee deeggartoonni paartii mormitootaa dhibbaan lakkaa’aman akka ajjeefaman gabaasaaleen hedduun ni mul’isu.

  4. Tiraamp erga dhimma Hidha Abbayaarratti xalayaa barreesseefii booda El-Sisii waliin wal arguuf

    Tiruump fi Elsiisii

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Tiruump fi Elsiisii

    Xalayaa Tiraamp irratti maaltu jedhame?Pireezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp fi kan Masrii Abdel-Fattah El-Sisiin Waltajjii Diinagdee Addunyaa (WEF) Siwiizarlaand Daavoositti gaggeeffamaa jiru madditti wal arguun mari'achuufi.

    Hoggantoonni lamaan kunniin dhmmaa naannawa fi idil-addunyaa kan mari'atan, akkasumas tumsaa fi qindoomina Masrii fi Ameerikaa gidduu jiru cimsuurratti mari'atu jedhame.

    Akkasumas, dhimmoota tasgabbii naannoo Gaanfa Afrikaa fi Baha Giddu-galeessaa deeggaruurratti mari'atu akka dubbi-himaan Pirezdaantichaa Aharam onlaayinitti himanitti.

    Mariin El-Sisi fi Tiraamp gidduutti karoorfame kun yeroo qophiin nagaa buusuu Gaazaa Marsaa lammaffaa labsamuuf jiru hordofeeti.

    Mariin kun tarkaanfiiwwan jalqabaa bu’uura dhukaasa dhaabuu fi tasgabbii Gaazaa keessatti waaraa ta’etti ce’uuf kan akeekedha.

    Kana malees, yeroo itti qindoominni Masrii fi Ameerikaa cimee fi Tiraamp dhimma Hidha Haaromsa irratti giddu seenuuf ibsanitti.

    Jimaata darbe Tiraamp dhimma Gaazaaf El-Siisi galateeffachuun waldhabdee yeroo dheeraaf Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa irratti mudate furuuf marii Amerikaan durfamu Masrii fi Itooyyaa giddutti deebi'ee akka eegalu ibsaniiru.

    “Ameerikaan naannoo kana keessatti mootummaan kamiyyuu gama tokkoon qabeenya qaalii laga Abbayyaa to’achuu fi adeemsa keessa ollaa ishee miidhuu akka hin qabne mirkaneessiti,” jechuun xalayaa barreessaniiru.

    Waltajjii Diinagdee Addunyaa bara 1971 kan hundeeffame yoo ta’u, bulchiinsa dinagdee addunyaa, tasgabbii ji’oopoolitikaa, misoomaa fi balaawwan addunyaarratti mul’achaa jiran irratti marii taasifamu yoo ta'u kan bara kanaas guyyoota muraasaaf Daavoosiitti gaggeefama.

  5. Gamtaan Awurooppaa Deenmaark fi Giriinlaand waliin akka dhaabbatu beeksise

    Komishinara Gamtaa Awurooppaa Ursulaa von der Leyen

    Madda suuraa, World Economic Forum

    Ibsa waa'ee suuraa, Komishinara Gamtaa Awurooppaa Ursulaa von der Leyen

    Komishinarri Gamtaa Awurooppaa Ursulaa von der Leyen Gamtaan Awurooppaa Giriinlaandii fi Deenmaark cinaa dhaabbachuun “deeggarsaa barbaachisu hunda” akka kennu ibsan.

    Dhimmi abbaa biyyummaa “kan mariif dhiyaatu'' mitis jedhan.

    Komishinarittin yaa’ii G8 Daavoositti gaggeeffamerratti haasawa taasisaniin, Gamtaan Awurooppaa Deenmaark fi Giriinlaand waliin ''harka wal qabatee'' akka hojjetu ibsuun, damee dinagdee fi bu'uuraalee misoomaa irratti deeggarsa kennuun isaanii itti fufu jedhan.

    Gamtaan Awurooppaa, Ameerikaa fi michoota biroo waliin ta'uun ''dantaa waliinii irratti xiyyeeffachuun nageenya Arktiik eeguuf'' akka hojjetu dubbatan

    Kaanaadaa, Noorweey fi UK dabalatee biyyoonni Awurooppaa ''nageenya waloo irratti'' xiyyeeffachaa akka jiranis ibsan.

    Pireezdaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp karoora Giriinlaandii dhuunfachuuf qaban biyyoota Awurooppaa hin deeggarre irratti taarifa guddaa kaa'uuf doorsisuun ''dogongora'' ta'uu dubbataniiru.

    Hagayya darbe waliigaltee daldalaa Gamtaa Awurooppaa fi Ameerikaa gidduutti mallattaa'e yaadachiisuun, "Waliigalteen waliigalteedha. Hiriyoonni yeroo harka walfuudhan hiika qabaachuu qaba" jedhan.

    Komishinarri Gamataa Awurooppaa kun yoo Tiraamp taarifa kaa'an deebii Awurooppaa ''cimaa fi keessa deebii hin qabne'' akka ta'u cimsanii dubbataniiru.

  6. Peenaaliitii Biraahim Diyaaz: Milkaa'uuf 'Panenka' moo foormulaan Herregaa biraa jira?

  7. Giriinlaand fudhachuuma qabna - Traamp

    Pirezidant Doonaald Tiraamp xiyyaara koraa jirutti

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezdaantiin US Donaald Traamp fooramii Daavos, Siwiizerlaand torban kana taa'amurratti Giriinlaand "akka fudhachuu qabnu" hogganoota Awurooppaatti nan hima jedhan.

    Tiraamp ergaa Pirezdaant Immaanu'eel Maakroon ergeef " Giriinlaand irraa maal akka feetu naaf hin galu" jedhu miidiyaa hawaasaa ofiirratti qoodan.

    Ergaan kun kan Pirezdaantii Faransaay Immaanu'eel Maakroon ta'uu Rooytrasi mirkaneesseera. Maakroon waltajjii Daavoos booda waltajjii Garee Biyyoota Badhaadhanii (G-7) akka mijeessu Tiraampiif barreesseera ergaa kanaan.

    Tiraamp akkanumallee, ergaa barreessaa olaanaa NATO kan qoode yoo ta'u, suura mataasaa tolfame (generated image) kan inni [Tiraamp] alaabaa Ameerikaa qabatee Giriinlaandirra dhaabbatu miidiyaa hawaasaa ofiirratti qoodeera.

    Sanbata duraa, Tiraamp UK fi Denmaark dabalatee biyyoota awurooppaa saddeet michuu Ameerikaa ta'an, yoo Giriinlaand Ameerikaaf dabarsuuf waliif galuu diddan taarifa 10% isinirran kaa'a jedhee doorsise.

    Ministirri muummee Giriinlaand michuuwwan keenya awurooppaa nu waliin waan dhaabbataniif hin sodaannu jedhan.

  8. Somaaliyaa fi Qaataar waliigaltee waraanaa mallatteessan

    Aanga'oota Somaaliyaa fi Qaataar

    Madda suuraa, SONNA

    Somaaliyaa fi Qaataar tumsa waraanaa qaban cimsachuuf waliigaltee mallatteessan. Waliigalteen kun walooma waraanaa biyyoota lamaan gidduu jiru caalaa cimsuuf tumsa nageenyaa ballisuuf kan kaayyeffate ta’uun gabaafameera.

    Waliigaltee kana ministira ittisaa Somaaliyaa Ahimed Maaliin Fiiq fi gitasaa Qataar Sa’ud Biin Abdiraahimaan Biin Hasan Al-Taanii akka wal mallatteessan maddi oduu mootummaa Somaaliyaa SONNA gabaaseera.

    Ministiroonni kunneen agarsiisa humna waraana galaanarraa idil-addunyaa Dohaatti gaggeeffamaa jirurratti waliigaltee kana mallatteessuun gabaafameera.

    SONNA akka gabaasetti, waliigalteen biyyoota lamaanii nagaafi tasgabbii qaxanaarratti waliin hojjechuurratti kan kaayyeffatedha.

    Hariiroo dippilomaasii Yunaayitid Arab Emireetis waliin qabdu dhiyeenya kana guutummaatti kan addaan kutte Somaaliyaan, Sa’ud Arabiyaa, Turk, Masiriifi biyyoota biro waliin hariiroo qabdu jabeeffachaa jirti.

    Torban muraasa dura Israa’el bulchiinsa Somaaliilaand kan Somaaliyaarraa adda baatee biyya walabaa ta’uushee labsatteef beekamtii biyyummaa kennuufii hordofee hariiroon Abuu Daabii fi Moqaadishoo gidduu jiru yeroo kamiyyu caalaa laafeera.

    Xiinxaltoonni akka jedhanitti, mootummaan Somaaliyaa biyyoota walabummaa Somaalilaand deeggaran kessaa tokko Yunaayitid Arab Emireetis jedhanii yaadu.

  9. Tiraamp dhimma Giriinlaand Badhaasa Noobeliin yoo walqabsiisu, Gamtaan Awurooppaa haaloo ba'uuf qophaa'e

    Qondaala Imaammata Dhimma Alaa Gamtaa Awurooppaa Kaja Kallas fi Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp dhimma Odoola Giriinlaand qabee gadhiisuu dideera. Taarifa eegales doorsisa qofaan akka bira hin dabarree fi dhibba keessaa dhibba akka hojiirra oolchu dhaadateera.

    Warri Awurooppaas dantaasaanii akka eeggatan ibsaniiru. Gamtaan Awurooppaa tarkaanfii fudhatamu kamiifuu deebii kennuuf qophaa'uu ibse.

    Tiraamp Odoola Giriinlaand irraa fedhii guddaa qabaachuusaa Badhaasi Noobelii Nageenyaa kennamuufii dhabuun walqabsiise.

    Kanaan booda ''guutummaatti waa'ee nageenyaa'' yaaduun dhimmasaa akka hin taane ibse.

    Dhimma odoola kanaarratti Tiraamp biyyoota Awurooppaa waliin waraana daldalaa hamaa keessa galee jira.

    Gaaffii fi deebii NBC waliin taasiseen Giriinlaand fudhachuuf humna fayyadamuu gaafatamee gaaffii kana kuffiseera Tiraamp.

    Yoo waliigalteerra hin ga'amne [yoo Giriinlaand dhabe] biyyoota Awurooppaa irra taarifa guddaa kaa'uun akka adabu akeekkachiiseera.

    Tiraamp odoola kana biyya miseensa NATO taate Deenmaark harkaa dhuunfachuuf dhiibbaan taasisaa jiru Gamtaan Awurooppaa akka gara tarkaanfiitti deemu kakaaseera.

    Atakaaroon kun gamtaa waraanaa abdii biyyoota lixaa ta'e kana gidduutti qoqqoodiinsa uuma jedhamee sodaatama.

    Tiraamp dheebuu guddaa Badhaasa Noobelii Nageenyaa argachuurraa qabu ammallee hin ba'in jira.

    Yeroo hundaa waa'ee ''Waraana saddeet fi isaa ol dhaabuu'' ibsa, kanaafis Noorway irraa badhaasi kun akka isaaf malu irra deddeebiin ibsa.

    Dilbata xalayaa Ministira Muummee Noorway Jonas Gahr Stoere'f barreesseen ''waraana saddeet fi sanaa ol dhaabsisuu kiyyaaf biyyi kee Badhaasa Noobelii Nageenyaa na dhowwachuu wayitan yaadu, kanaan booda waa'ee nageenyaa irratti xiyyeeffannaan hojjechuuf dirqama akkan hin qabnetu natti hubatama,'' jedhe.

  10. Ispeen balaa baaburaan namoonni heddu jalaa du'uu hordofee gadda guyyaa sadii labsite

    Bakka balaan baaburaa itti mudate

    Madda suuraa, Reuters

    Balaa baaburaa mudateen yoo xiqqaate namoonni 40 du'uu hordofee Ispeen guyyaan gaddaa sadi labsite.

    Ministiirri Muummee Ispeen Peediroo Saanchees guyyaa gaddaa biyyaalessaa sadi labsan.

    Dilbata darbe kibba Ispeenitti balaa baaburaa mudateen yoo xiqqaate namoonni 40 du'anii, 120 kan ta'an ammoo mada'aaniiru.

    Baabburri gara magaalaa Maadriid deemaa ture Adamuuz keessatti karaa irraa maquun baabura biraa waliin walitti bu'uuni balaan cimaan kun kan mudate.

    Ministiirr Muummee biyyattii Peediroo Saanchees guyyaan gaddaa biyyaalessaa labsamuu ibsuun dabalatatti sababa balaa mudatees akka qoratamu beeksisan.

    Ispeen keessatti waggoota heddu booda balaan tiraafikaa mudate kun isa cimaadha jedhame.

    Peediroo Saanchees bakka balaan itti mudatetti agamuun gaddasaanii ibsataniiru. "Kuni lammiilee Ispeen hundumaaf, guutummaa biyya keenyaaf guyyaa gaddaati," jechuun dubbatan.

  11. Akkam bultan?

    Tamsaasa kallattii eegalleerra. Dhimma Odoola Giriinlaand irratti atakaaroo Tiraamp fi biyyoota Awurooppaa akkasumas dhimmoota Baha Giddugaleessaa irratti xiyyeeffanna.

    Odeessaalee biyya keessaa fi alaa gabaabinaan karaa kana argattu.

    Nu hordofaa!

    Odeessaalee tamsaasa kallattii duraaniin dabarsaa turre asii argattu.