Hidhattoonni Arsiitti namoota 30 ol akkamiin haala 'suukaneessaan' ajjeesan?

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Godina Arsiitti hordoftoota Ortodoksii Tawaahidoo irratti haleellaan raawwatuu Bataskaanni Ortodoksii Itoophiyaa ibsiti
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Naannoo Oromiyaa Godina Arsii aanaalee lama keessatti haleellaa hidhattoonni raawwataniin guyyoota muraasa keessatti qofa namoonni 30 ol ajjeefamuu jiraattonniifi dureewwan bataskaanaa BBCtti himan.

Ajjeechaan kuni keessumaa aanaalee Shirkaafi Martii keessatti raawwatame. Ajjeechaan irra deddeebiin raawwataa jiru ammallee furmaata hin argatiin jira jedhu jiraattonni.

Kanaanis, jiraattonni yaaddoo keessa akka jiran himu. Bulchaan Aanaa Martii BBCn dubbise haleellaa kanaaf hidhattoota WBO kan mootummaan 'Shanee' jedhuun himatan.

Waraanni Bilisummaa Oromoo ibsa fuula X irratti baaseen, ajjeechaa Godiina Arsiti gaggeeffameef mootummaatu hawaasa gidduuttii diinummaa facaasuf raawwate jechuun himate.

"[Mootummaan] ergamtoota isaa bobbaasuun, hordoftoota amantaa Kiristaanaa, namoota Sivilii Arsii keessatti ficcisiise,'' jechuun himateera.

ALI Guraandhala 22, 2018 halkan keessa haleellaa raawwateen yoo xiqqaate namoonnii lama ajjeefamuu maddeen sadii naannichaa dubbataniiru.

Jiraattonni fi dureewwan bataskaanaa naannichaa BBC'n dubbise akka jedhanitti, aanolee lama keessatti haleellaan raawwachuu kan eegale jalqaba torban darberraati.

ALI Kibxata Guraandhala 17, 2018 Aanaa Martii ganda 'Faqarsaa' jedhamutti haleellaa jalqabaa raawwateeen namoonni afur ajjeefamuusaanii dureewwan bataskaanaa fi jiraataan rakkoo nageenyaan maqaa dhokfatan dubbataniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Jiraataan biraa bakkee dhihoorratti abbaa isaarratti haleellaan raawwatamuu dubbate tokko, jiraattonni afur kan ajjeefaman rasaasaani jedhan.

Haleellaa kana boodammoo hidhattoonni gara isaanii dhufan abbaa isaa ''miila isaaniirratti qottoon'' rukutuu isaaniifi mana isaaniillee gubuu dubbate.

Bulchaan Bataskaanaa naannichaa tokko namoota afran ajjeefaman keessaa ''tokko Musliima, sadan immoo Kiristaanota hiriyyaa isaa ta'anidha,'' jedhan.

Haleellaan lammataa namoota baay'ee galaafate kan qaqqabemmoo Kamisa ALI Guraandhala 19, 2018 akka ta'e maddeen BBC kunneen dubbataniiru.

Aanaa Shirkaa ganda Jaawwiii Waaccuu keessatti haleellaa raawwateen namoonni 19 ajjeefamuu dureewwan bataskaanaafi jiraattonni dubbataniiru.

Bataskaana Abuuna Gabra Manfas Qidduus irraa namni dubbifne ''guyyaa keessaa sa'aatii sagal irratti osoo hin yaadin nutti dhufan.

''Ergasii namoota 21 rasaasaan fixanii waan barbaadan godhanii galan,'' jechuun waan mudate dubbatu. Firri isaanii namni lama ajjeefamullee himan.

Jiraattonni akka jedhanitti, namoonni kan ajjeefaman ''bakka argamanittidha''. Kunis, daandiirra, mana isaanii keessas dabalate jechuudha.

Gaafa Kamisaa jiraattonni ajjeefaman Bataskaana Abuuna Gabra Manfas Qiddus Jaawwii argamutti owwaalamuu dubbataniiru.

Maddeen sadii BBCn dubbise akka dubbatanitti, bulee isaa guyyaa keessaa sa'aatii sagal yookiin kudhanitti ganduma kana keessatti haleellaa biraa raawwateen namoonni saddeet ajjeefamaniiru.

''Namoonni shan immoo butamanii'' fudhatamuu dureen bataskaana naannichaa dubbataniiru.

Dabalataanis, hidhattoonni ''manneen jireenyaa jiraattotaafi waajjira bulchiinsa bataskaanaa'' gubuu himan.

Jiraataan kun haleellaa kana booda isaan dabalatee jiraattonni baay'ee biroo qe'eerraa baqachuu dubbatan.

Haleellaa lamaaniin namoonni miidhaan irra gahe wal'aansa hordofaa akka jiran maddeen himaniiru.

Dilbata halkan immoo achuma Aanaa Shirkaatti yoo xiqqaate namoonni lama akka ajjeefaman jiraataan tokkoofi dureen bataskaana tokko BBCtti himaniiru.

Haleellaa gaafa Dilbataan maanguddoon lama ''obbolaa ta'an mana isaanii keessatti'' akka ajjeefaman dubbatan.

Jiraataan naannichaa biroo kan ajjeefaman ''namoota shanidha'' jedhaniiru.

'Haleellaan amantii hin bu'uureffanne'

Bulchaan Aanaa Martii Obbo Kaliil Gannaa haleellaan raawwachuu mirkaneessaniiru. Garuu, ''haleellaan amantii hin bu'ureeffanne'' jedhu.

Namoota afur du'an keessaa tokko Musliima ta'uu kan dubbatan bulchaan aanichaa, haleellaan jalqaba raawwate nama amantaa Islaamaa hordofurratti jedhan.

''Kiristaanonni sadan kan ajjeefaman Muslimichi yeroo haleelamu waan dura dhaabbataniifi'' jechuun BBCtti dubbatan.

Obbo Kaliil haleellaa kana hidhattoota 'Shanee'' jedhanii waamanitu raawwate jedhan. Haleellaa raawwateen manneen afur gubachullee himan.

Obbo Kaliil humnoonni nageenyaa hidhattoota waliin walitti dhukaasuullee dubbatan.

Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti Sinodosiin Dhaabbii Sambata ALI Guraandhala 21, 2018 ibsa baaseen Arsii Bahaa keessa ''Ortodoksoonni 21 gara jabinaan ajjeefamuu, kan lubbuun hafanis butamanii bakki jiran akka hin beekamne'' ibsuu manniifi qabeenyi abbaa warraa 10 ol gubachullee dubbate.

Ajjeechaan raawwatee ''maqaa amantaan'' kan raawwate kan jedhe yoo ta'u ''maqaa amantaan haa raawwatan malee namoota amantaa garuu miti'' jedheera.

Dabaluunis, haleellaa kanneen raawwatan kaayyoon isaanii dhaabbilee amantaa waggoota dheeraaf waliin jiraatan gidduu dhibdee uumuufi jedhe.

''Hordoftoonni amantaa Islaamaafi ummanni Kiristaanaa waliin balaaleeffachuu qaba [gocha kana].''

Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamaa Itoophiyaa ibsa Dilbata ALI Guraandhala 22, 2018 baaseen, ''balaa hamaa lammiilee hordoftoota amantaa Ortodoksii Kiristaanaa keenyarratti raawwateen baay'ee gaddineerra,'' jedheera.

Wanti raawwate ''amantaa kamuu bakka hin bu'u'' kan jedhe manni marichaa manneen amantaa gidduu ''shakkiifi walitti bu'iinsa uumuuf shira qindaa'edha jennee amanna,'' jedhe.

Qulqulluun Sinodosii Mana Kiristaanaa Ortodoksii ajjeechaafi buqqaatiin Godina Arsii Bahatti irra deddeebin qaqqabaa jiru ''mirga heeraa hordoftoonni Ortodoksii kutaalee biyya keenyaa kamuu keessatti bilisaan hojjechuufi waaqessuu qaban kan sarbudha,'' jedheera.

Mootummaan naannichaafi bulchiinsi naannichaa ''rakkinicha furuuf yaalaa jiru'' kan jedhee Qulqulluun Sinodosii tarkaanfii rakkoo bu'uurarraa furu akka fudhatan gaafateera.

Yaa'iin Manneen Amantaa Itoophiyaa ajjeechaa raawwate balaaleeffatee ''gocha sukaneessaa faallaa amantaafi farra namoomaa ta'ee qaamolee raawwatan mootummaan hordofee seeratti akka dhiheessu'' akeekkachiiseera.

Yaa'ichi ibsa baasen, mootummaan ''lammiilee nagaa naannicha keessa jiraatan irratti haleellaan wal fakkaataa lammata akka hin raawwanne eegumsa gahaa akka godhu'' gaafateera.

Dabaluunis, ''dhaabbileen amantaa hunduu gocha sukaneessaa kana sagalee tokkoon akka morman'', akkasumas ''waliin dhaabachuun haleellaan wal fakkaataa akka hin uumamne waan danda'an hunda akka godhan'' waamicha dabarseera.

Haleellaan akkanaa Godina Arsii keessa yoo mudatu kuni yeroo duraaf miti.

Jalqaba waggaa kanaa baatii Onkololeessa keessa Godina Arsii Bahaa aanaaleee Gunaa, Martii, Shirkaa, fi Honqolloo Waabee keessatti hordoftoota Ortodoksii irratti ''hidhattoota eenyummaan isaanii hin baramneen'' haleellaa raawwateeen namoonni 25 ajjeefamuu BBC'n maatiifi dureewwan bataskaanaarraa odeeffateera.

Ajjeechaa walitti aansee guyyootaaf raawwate kanarratti mootummaa federaalaa irraas ta'e naannoo Oromiyaa irraa wanti jedhame hin jiru.