Dargaggoo Jimmaa birrii dorgommiin argate namoota hospitaalatti rakkataniif oolche

Madda suuraa, Abdii Getaachoo

Abdii Getaachoo dargaggeessa magaala Jimmaa jiraatu yoo ta’u, hojiin isaa barreessaadha. Hojii isaa kana cinaatti ammoo miidiyaalee hawaasummaa irrattis hirmaannaa ho’aa taasisa.

Tibbana dhaabbanni dhuunfaa tokko dargaggoota keessatti miira hojii kakaasuuf jecha karaa toora Facebook dorgommii dhiheesserratti namoota yaada hojii dhiheessuun dorgoman keessaa Abdiin tokko ture.

“Dhaabbata tokkotu dorgommii yaada hojii namoota qaban dorgomsiisa. Nama injifateef maallaqa waadaa seena. Maallaqa sana nama injifate badhaasa. Namni badhaafamaa ta’ummoo gaaffii dhaabbatichaa nama seeraan deebisedha”

“Ani akka carraa guyyaa sana Hospitaala Jimmaa nama gaafachuu deemeen namoota achitti maallaqa dhabanii rakkatan argeen gaddaa achii bahe. Mana gaheen dorgommii kana Facebook irraatti arge,” jedha Abdiin.

Dorgommii kanarratti hirmaachuuf kan murteesses maallaqa dhaabbanni kuni badhaasu yoo akka carraa injifaate namoota Hospitaala Jimmaatti arge kunneen ittiin gargaaruu akka danda’u yaadee akka ta’es hima.

Dorgommiin yaada hojii dhaabbanni dhuunfaa kuni karaa Facebook Dorgomsiise kuni yaada nama ‘Like’ fi ‘comment’ hedduu argachuun durseeni kan injifataa ta’u.

“Ani yaanni hojii ittiin dorgome qabeenya Jimma qabdu buna maqaa ‘Jimmiti Coffee’ jedhuun buna akaawwame daakuusaa kaaffeewwaniifi hoteelotaaf rabsuun maallaqan argadhu kana ji’oota muraasa keessatti dachaan dabaluu kan jedhuuni,” jedha.

Yaanni hojii Abdiin dhiheesse kuni namoota hedduudhaan kan jaalatameefi namni hedduun kan yaada irratti kenne ta’uunis injifachuu hima.

“Dorgommichi badhaasnisaa birrii kuma 100 yoo ta’u, sa’aatii 48 keessatti xumurame.

Akkuma yeroon dorgommichaa xumurameen dhaabbatichi moo’ataa ta’uukoo ibsee battaluma birrii kuma 100 herreega kiyyarratti naaf galche,” jedha Abdiin.

Maallaqa dorgommii yaada biizinasiitiin injifate kanas akkaatuma jalqaba waadaa seeneen Hospitaala Jimmaatti namoota rakkataniif oolchuus hima.

“Amma yeroo naa bilbilaa jirtu kana Hospitaala Jimmaa keessaan bahaa jira. Birriin badhaasan argadhe kana kallattumaan namootaaf waan barbaachisu biteefiin qoodeef. Maallaqa callaas hireefiin birriin argadhe guutumatti hojii tola-ooltummaa kanaaf oolche,” jedha.

Badhaasa kana argachuun, namoota rakkatan gargaaruuf yaada sammuusaa keessa ture waan milkeesseef akka gammadeefi yaadni biizinasii ittiin dorgomee injifate kuni hojii ittiin milkaa’uu danda’u waan ta’eef hojicha qarshii mataasaatiin jalqabuuf yaaduus Abdiin dubbateera.