Iraan yoo Ulaa Hormuz cufte addunyaarratti dhiibbaa akkami uuma?
Madda suuraa, Getty Images
Haleellaa Israa'elii fi Ameerikaan Iraan irratti raawwataan hordofee tarkaanfii Iraan fudhachuu ishee beeksifte keessaa ulaa boba'aa addunyaaf murteessaa ta'e 'Strait of Hormuz' cufudha.
Jikinni boba'aa addunyaa harka shan keessaa tokko kan ta'u karaa ulaa qarqara galaanaa dhiphoo bal'ina kilomeetira 40 qabuu kana keessaan darba.
Hogganaa olaanaa ishee dabalatee qondaaltonni waraanaa fi siyaasaa ishee hedduun kan jalaa ajjeefaman Iraan biyyoota baha giddu galeessa hedduu misaa'elaa fi Dirooniin haleelaa jirti.
Dhibbaa isheen addunyaa irratti qabdu daran guddisuufis ulaa addunyaaf murtessaa ta'e kana cufuuf dhaadataa turte.
Dooniwwaan naannawa kana darbuuf yaalaa jiran irrattillee haleellaa fudhataa jirti.
Dura taa'aan dhaabbata basaasaa UK MI6 duraanii, Sar Aleeks Yaangar BBC'tti akka himanitti, cufamuu ulaa kanaan haalli hammaataan ga'uu danda'a.
"Dhiibbaa cufamuun ulaa kanaa gatii boba'aa irratti qabu yoo ilaalle, rakkoo dinagdee hamaa kan geessisu ta'uun isaa ifaadha." jedhan.
Madda suuraa, Stocktrek / Getty Images
Karaa ulaa Hormuz boba'aa hangamiitu darba?
Bulchiinsi Odeeffannoo Annisaa Ameerikaa wallakkeessaa jalqabaa bara 2023tti, guyyaatti boba'aan barmeela miiliyoona 20 akka darbe tilmaamama.
Kunis waggaatti daldalli boba'aa gara doolaara biiliyoona 600 ta'u ulaa galaanaa kanarra darba jechuudha.
Rakkoon ulaa galaanaa kanarratti mudatu ammoo sadarkaa addunyaatti dhiyeessii boba'aa irratti hanqina olaanaa hordofsiisuu danda'a. Kun ammoo battalumatti qaala'insa gatii boba'aa uumuu danda'a.
Kanaaf xinxaltoonni yoo waraanni kun kan yeroo dheeraa fudhatu ta'e addunyaa irratti rakkoo cimaa qabaachu akka danda'u akeekkachiisu.
Ameerikaa dabalatee biyyoota boba'aa biyyoota galoo galaanaarratti hirkatan heddu biraatti dhiibbaa cimaa fiduu danda'a
Ulaan Hormuz hangam dhiphaadha?
Ulaan Hormuz ulaa Iraan fi Omaan gidduu jirudha. Seensaa fi bahuun isaa naannoo kiilomeetira 50 kan bal'tu yoo ta'u, jidduu keessaan ammoo bakka dhiphoo gara kilomeetira 40 kan ta'udha.
Haata'u malee, ulaan kun gadi fageenya kan qabu yoo ta'u, dooniiwwan gurguddoo darbuu kan danda'an kutaasaa giddugaleessa keessaan qofaadha.
Dooniiwwan gurguddoon karaa bal'inni gara Km10 qabuu irra deemuu qabaatu.
Taankaroonni gara Galoo Galaana Pershiyaatti yeroo darban, karaa odola Tund kan naannoo Iraanii fi biyyoota Arabaa gidduutti wal falmisiisaa ta'etti dhiheenyaan darbu.
Qaamni dooniiwwan daldalaa karaa ulaa kanaatiin darban rakkoo itti uumuu yoo jiraatee tarkaanfiin waraanaa biyyoota biroollee hirmaachisuu akka danda'u xinxaltootni kan akeekkachiisan.
Taateen akkasii kunis yeroo waraana Iraan fi Iraaq kan bara 1980 hanga 1988tti umamee ture.
Madda suuraa, Gallo Images via Getty Images
Aadeeffannaa tarkaanfii ittisaa
Xiinxaltoonni akka jedhanitti, Iraaniif Ulaan Hormuz cufuun bifa "humna ittisaa" ta'ee fudhatama; kunis akka meeshaa nikulaaraa qabaachuu wajjin wal fakkaata.
Akkuma sagantaan nikulaaraa Iraan hawaasa addunyaa biratti yeroo dheeraadhaaf beekamaa tureetti, biyyoonni gurguddoon Teehiraan haala tarsimoo teessuma lafaa ishee fayyadamtee dhiyeessii anniisaa addunyaa akka ukkaamsituuf akka hin hayyamneef irra deddeebiin ibsaniiru.
Yeroo baayyees Iraan waanti isherra gahu jiraanaan ulaa kana cufuuf ittin dorsisaa turte.
Haata'u malee, namoonni hedduun ammoo, Ameerikaa fi michoonni ishee mala waraanaatti fayyadamuudhaan saffisaan haala adeemsa galaana kanaa bakka tureetti deebisuu akka danda'an eeru.
Madda suuraa, NurPhoto via Getty Images
Iraan akkamitti Ulaa Hormuz cufuu dandeessi?
Tajaajilli qorannoo kongrasii Ameerikaa bara 2012tti qorannoo taasiseen, Iraan ulaa kana cufuudhaad adeemsa dhiibbaa addunyaa irratti uumuu ishee cimsuu dandeessi jedhe.
Tarkaanfiiwwan ta'u danda'u jedhamuun tarreeffaman keessaa kan itti aanan ni argamu:
Dooniwwaan daldalaa fi kanneen biroo kamuu ulaa Hormuz kana keessa akka hin dabarreef uggura labsuu,raawwachuu dandeessi. Iraan amma haleellaa Ameerikaa fi Israa'el ishee irratti raawwachuun hoggantoota ishee fixan hordofee kana labsitee jirti.
Kana boodas yoo waraanni kun yeroo gabaabatti hin dhaabbannee fi gara mariitti hin deebine;-
- Doonii karaa sana darban darban sakatta'amuu ykn qabamuu akka danda'an labsuu.
- Dhukaasa akeekkachiisaa doonii irratti dhukaasuu.
- Dooniiwwan adda ta'an humna waraanaatiin irratti xiyyeeffachuu.
- Dhootuuwwan galaanaa Ulaan Hormuz fi Galoo Galaana Pershiyaa keessa awaaluu.
- Dooniiwwan daldalaa fi waraanaa irratti xiyyeeffachuuf doonii bishaan jalaa fi misaa'ela fayyadamuufaa itti fufu dandeessi
Madda suuraa, AFP via Getty Images
Wayita waraanaa Iraaniifi Iraaqiitti Iraan dooniiwwan boba'aa fe'an irratti misaa'eloota fayyadamaa kan turte yoo ta'u, Galoo Galaanaa keessa ammoo fanjiiwwan kiyyeesite akka turte ni yaadatama.
Fanjiiwwan awwaluun dooniin waraanaa Ameerikaa irratti haaloo bahu taasisu dandeessi
Iraan 'Strait of Hormuz' guutummaatti cufuu yoo dhaabdellee, kaffaltii inshuraansii doonii haalaan ol kaasuu dandeessi.
Akkasumas, karaa bahiinsa Galoo Galaanaa irratti dhiphina galaanaa waan umameef baasii olaanaaf saaxiluu danda'a
Madda suuraa, Norbert Schiller via Getty Images
Xiinxaltoonni maal tilmaamu?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ogeeyyiin akka tilmaamanitti, daandiiwwan Iraan bu'aa qabeessoon ittiin dooniiwwan 3,000 fi sanaan ol ta'an kanneen ji'a ji'aan daandii bishaanii kanarra imalan dhaabuuf dandeessisan keessaa tokko bidiruu haleellaa saffisaa fi doonii bishaan jalaa fayyadamuun fanjiiwwan kaa'uu akka ta'u tilmaamaniiru.
Humni galaanaa idilee Iraan fi humni galaanaa Korporeeshinii Eegdota Warraaqsa Islaamaa (IRGC) dooniiwwan waraanaa biyya alaa fi dooniiwwan daldalaa irratti haleellaa banuu eegalaniiru.
Haata'u malee, dooniiwwan waraanaa gurguddoon deebii kanaatiif haleellaa Ameerikaa fi israa'eliin xiyyeeffannaa ta'u danda'u.
Bidiruuiiwwan saffisoon Iraan yeroo baayyee misaa'ela farra doonii kan hidhatan yoo ta'u, biyyattiin dooniiwwan lafa irraa, dooniiwwan walakkaa bishaan keessa lixanii fi dooniiwwan bishaan jalaa adda addaas qabdi.
Yeroo ammaa kanas, marsariitiiwwan hordoffii galaanaa suuraa saatalaayitii fayyadaman sochii bidiruuwwan waraanaa Iraan naannoo daangaa galaanaa kibba biyyattiitti argaman gabaasaniiru.
Madda suuraa, Getty Images
Biyyoota kamtuu cufamuu Ulaa kanaan baay'ee miidhama?
Qorannoon dhaabbata xiinxala 'Vortexa' jedhamuun gaggeeffame akka agarsiisutti, Sa'uudii Arabiyaan guyyaatti jikita boba'aa naannoo barmeela miliyoona 6 karaa Ulaa Hormuz ergti. Kunis biyyoota ollaa kamiyyuu ni caalaa.
Chaayinaan, Indiyaa, Jaappaan fi Kooriyaan Kibbaa kanneen jikita boba'aa baayyee karaa sanaan darbu galchan keessaayi.
EIA akka jedhutti, Ameerikaan guyyaatti jikita boba'aa naannoo barmeela 700,000 fi kondensaayitii ulaa kanaan galchiti. Kunis, tilmaamaan boba'aa waliigalaa galchitu keessaa %11 fi fayyadama boba'aa ishee keessaa %3 ta'a.
Gaheen waloo biyyoo Awurooppaa boba'aa karaa ulaa kanaatiin geejjibsiifamu guyyaatti barmeela miliyoona 1 gadi ta'ee mul'ata.
Kana yoo ilaalamu, biyyoonni Arabaa fi Eeshiyaa, Ameerikaan ykn humnoota Awurooppaa, kanneen waldhabdee dhiheenya kana Israa'el waliin siyaasaan hiriiran hirra caalaa kan, cufamuu Ulaa Hormuz'n guddaa waan dhaban fakkaata.
Biyyoonni Eeshiyaa hedduun Iraan waliin hariiroo gaarii ykn walitti dhiyeenyaa gaarii qabu.
Dhiibbaa Chaayinaa
Madda suuraa, CFOTO / Future Publishing via Getty Images
Chaayinaan biyyoota boba'aa Ulaa Hormuz keessa darbu fayyadamtu keessaa tokkodha. Boba'aa kana keessaa harki guddaan Iraaniin gatii gabaa addunyaatiin gadi ta'een gurgurama.
Innis sarara jireenyaa dinagdee murteessaa ta'ee fi qoqqobbii Ameerikaa akka dandamtu Teehraan kan gargaarudha.
Akka fayyadamtuu boba'aa Iraan guddaatti, Beejiing gatiin boba'aa dabaluu ykn daandii doonii irratti addaan cituu umamuu kamiyyuu simachuun ishee hin oolu.
Chaayinaan ulfaatina dippilomaasiishee guutuutti fayyadamuudhaan daandii anniisaa barbaachisaa ta'e kana akka hin cufamneef ykn cufamee yeroo dheeraa hin turre gochuuf yaaduu dandeessi.
Waayiilli dhaabbata gorsaa anniisaa 'Outlook Advisors' kan ta'an Anaas Alhaajji CNBCtti akka himanitti, Ulaa Hormuz cufuun diinashee caalaa michoota Iraan miidhuu hin oolu jedhan.
Madda suuraa, Chip Hires via Getty Images
Daandiiwwan filannoo uggura ulaa kanaa ittisuu danda'u jiraa?
Balaa irra deddeebiin naannawa Iraanitti muudatuu fi doorsisa Ulaa Hormuz kanaaf biyyoonni boba'aa baayi'inaan alatti ergan kan naannoo Galoo Galaana filannoo biraa karaa ulaa kanaan alaa barbaadaa turan.
Akka gabaasa EIAtti, Sa'udiin ujummoo ishee Baha–Lixaa, sarara dheerina km 1,200 qabuu fi guyyaatti jikita boba'aa hanga barmeela miliyoona 5 geejjibsiisuu danda'u hojiirra oolchiteetti.
Bara 2019tti Sa'uudii Arabiyaan yeroodhaaf ujummoo gaazii uumamaa jikita boba'aa geessuuf irra deebitee hojiirra oolchite.
Yunaayitid Arab Emireets ammoo dirree boba'aa biyya keessaa ishee kan buufata doonii Fujaayiraa Galoo Galaana Omaan irratti argamu, karaa ujummoo guyyaatti boba'aa barmeela miiliyoona 1.5 dabarsuu danda'uun wal qunnamsiisteetti.
Ji'a Adooleessaa bara 2021 keessa, Iraan ujummoo Goreh–Jask kan jikita boba'aa gara Galoo Galaana Omaan geessuuf yaadame xumurte.
Ujummoon kun yeroo ammaatti guyyaan naannoo barmeela kuma 350 fe'uu danda'a. Gabaasaaleen akka agarsiisanitti, Iraan garuu hanga ammaatti akka itti hin fayyadamane mul'isu.
Daandiiwwan filannoo kunneen walumaa galatti guyyaatti boba'aa naannoo barmeela miiliyoona 3.5 qabachuu danda'u. Kunis, tilmaamaan jikinni boba'aa %15 yeroo ammaa karaa Ulaa kanaatiin ala alatti ergamuu danda'a.
Isin hin darbiin
Maaltu haasa'ama?
Baay'ee kan jaalatame
Qabiyyeen kun hin argamne