Biyyoonni Galoo Galaanaa michoota US ta'an daafoo haleellaa Iraaniin goolamaa jiru

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Magaalonni akka Abu Daabii, Galoo Galaanaa keessatti akkaataa ammayyaawaan ijaaraman malee haala haleellaa diroonii fi misaa'elaa dandamachuu danda'aniin hin hundoofne
    • Barreessaa, Frank Gardner
    • Gahee, BBC security correspondent
  • Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Magaalaan Abu Daabii, kan miidhaginaa fi iddoo qananii ta'uun beekamtu rakkoo keessa galteetti.

Kan duraan xiyyaaronni bashannanaa fi qanananii irra marsan amma waan biraa ta'e argame.

Kan samiirraa gadi itti dhufu xiyyaarota Dreamliner ykn Airbus ta'uun hafeera. Amma kan qilleensarraan gara magaalattii imalu misaa'eloota fageenya dheeraa imalan.

Misaa'eloonni kunneen Galoo Galaanaa keessatti biyya guddoo ollaa UAE taate Iraan irraa gara Abu Daabii imalu.

Ministeerri Ittisaa Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) Dilbata waaree booda misaa'eloota fageenya dheeraa imalan (ballistic) 165, xiyyarota nama maleeyyii misaa'ela dhukaasan lamaa fi dirooniiwwan 541 Iraan irraa dhukaafaman keessummeessuu ibse.

Bahreen keessatti ammoo Dilbata ganama buufati xiyyaaraa haleelameera.

Haalli amma ta'aa jiru kun Baha Giddugaleessaa keessatti taatee baratame miti.

Garuu Iraan haleellaa Sambata ganama US fi Israa'el irratti banan booda buufataalee humna waraanaa US irratti xiyyeeffachuu bira darbitee buufataalee xiyyaaraa fi iddoowwan jireenyaa lammiilee nagaarratti haleellaa raawwataa jirti.

Bahreen keessatti buufata humna waraanaa guddicha US 5th Fleet jedhamu haleeluun eegalte Iraan.

Biyyoonni Galoo Galaanaa humna ittisa haleellaa qilleensarraa to'atu cimaa ta'e dhabuun hoteelonni qananii, giddgaloonni gabaa akkaan ammayyaa ta'an, manneen jireenyaa sadarkaasaanii eeggatan, buufataaleen xiyyaaraa addunyaarratti sadarkaa qaban akka salphaatti Iraaniin haleelaman karaa saaqeera.

Iddoowwan qanananii kunneen wayita ijaaraman guyyaa tokko diroonii fi misaa'elaan haleelamna jedhanii waan hin yaadneef haleellaa kanaaf qophii hin qaban. Yookiin ofirraa ittisuuf sirna isaan dandeessisu hin qaban.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Wayita caccabaan misaa'elaa buufata xiyyaaraa Dubaay irratti kufu viidiyoo agarsiisu
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii biyyisaanii biyyoota ollaarratti xiyyeeffachuun haleellaa akka hin gaggeessine Al jaziiraatti himan.

''Ollaawwan keenya Galoo Galaanaa Pershiyaa jiran irratti xiyyeeffannee haleelaa hin jirru. Haleellaan keenya buufataalee US biyyoota kunneen keessa jiran irratti xiyyeeffata. Olloonni keenya warra abbaa waraana kanaa ta'anitti gadduu qabu,'' jedhan qondaalli Iraan kun.

Biyyoota Galoo Galaanaa keessatti miidhaan misoomaawwan bu'uuraa irratti raawwatame gariin akka carraa wayita caccabaan misaa'elaa irra bu'uudha.

Misaa'eloonni Iraan irraa dhukaafaman wayita qilleensarratti qolataman caccabaan lafatti bu'u miidhaa guddaa qaqqabsiisa.

Garuu yeroo hunda akkas miti. Fakkeenyaaf haleellaawwan buufataalee xiyyaaraa Bahreen fi UAE irratti raawwataman kan akka carraa mudatan qofa osoo hin taane itti yaadamuun kan raawwatamaniidha.

Iraan durumaanuu himatteetti. Haleelamnaan biyyootni haleellaa kanaaf tumsa ta'an hunduu akka miidhaman ibsitee turte.

Kun biyyoota buufata humna waraanaa US ta'an hunda akka dabalatu ifatti keessee turte.

Biyyoonni Iraan haleelte kunneen hunduu kanneen Waashingitan waliin hariiroo waraanaa qabaniidha.

Osoo Warraaqsi Islaamaa biyyattii keessatti olaantummaa hin qabatin, bara bulchiinsa mootummaa abbaa gonfoo (Shah) Iraan ''eegduu Galoo Galaanaa- Policeman of the Gulf'' jedhamtee beekamti turte.

Warraaqsa boodas biyyattiin ga'ee kana qabaattee akka itti fuftu biyyoota ollaa amansiisuuf yaalaa turteetti.

Iraan Warraaqsa Islaamaa jalatti bulchiinsa kana Galoo Galaanaa Pershiyaa jettiin ykn afaan isheen Khaleej-e-Fars jettiin, biyyoota Arabaa ammoo Galoo Galaanaa Arabiyaa jechuun waamu.

Aanga'oonni Iraan biyyoonni Arabaa humnoota US Galoo Galaanaa keessaa baasuun, bakkasaa biyyattii akka eegduu isaaniitti akka bakka buufatan dhiibbaa uumaa turaniiru.

Garuu biyyoonni Galoo Galaanaa- hedduunsaanii sirna duriitti cichan, mootummaa gonfoon bulan, warraaqsa Rippaabilika Islaamaa kanatti waan hin gammadneef, dhiibbaa Iraan kana akka dhimma daangaa darbeetti fudhatu.

Biyyoonni kunneen bulchiinsa Iraan amma jiru faana deebisanii hariiroo tolfachuun baayyee ulfaachuu mala. Kunuu yoo bulchiinsichi waraana kana dandamatee keessa darbedha.

Humnoota waraanaa US fi biyyoota lixaa kaan keessummeessuun daran kan beekaman Omaan fi Sa'uudii Arabiyaan, haleellaa Iraaniin akka biyyoota Galoo Galaanaa kaanii hin miidhamne.

Omaan Iraan faana hariiroo mishaa qabdi. US fi Iraan akka dhimma nukilaraa irratti mari'ataniifis haala mijeessitee turte.

Haleellaa diroonii Iraan buufata daldalaa handaara galaanaa ishee, Duqm jedhamurratti raawwatteen miidhaan ishee mudateera.

Haleellaan diroonii Iraan kun handaara Galaana Arabiyaa irratti mudate.

Sambata darbe ammoo Iraan magaalaa guddoo Sa'uudii Arabiyaa, Riyaad, irratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwatteetti. Mootummaan Sa'uudii gocha Iraan kana balaaleffachuun ibsa baaseera.

Iraan biyyoota Galoo Galaanaa (Arabaa) ollaashee jiran wayita haleeltu kun kan jalqabaa miti.

Kallattiinis al-kallattiinis haleellaa raawwachaa turte, garuu hanga isa alanaa guddaa miti.

Bara 2019 hidhattoonni Iraaq kanneen tumsa Iraaniin socho'an kubbaaniyyaa oomisha boba'aa guddicha Sa'uudii, Aramco, dirooniiwwan hedduun haleelanii turan.

Wayita sana buufata oomisha boba'aa iddoowwan Abqaiq fi Khurais jedhaman keessatti argamu boba'aa alatti ergu walakkaan hir'isee ture.

Bara darbe ji'a Waxabajjii keessa wayita US waraana Israa'el guyyoota 12f Iraan irratti gaggeessitetti makamtu Iraan buufata waraanaa US kan Qataar keessatti argamu, al-Udaid irratti misaa'eloota fageenya dheeraa imalan dhukaastee turte.

Iraan tarkaanfii sana kan fudhatte erga US oppireeshinii Midnight Hammer jedhamuun qilleensarraan buufataalee nukilaraa Iraan haleelteeti.

Akkuma Iraan biyya uummata Shi'aa qabdu kan taate Bahreen, Iraan loote seentota biyyashee keessatti rakkoo uuman tumsiti jechuun himataa turte.

Kun hunduu walitti ida'amee waan amma biyyoota Arabaa keessatti mudachuu eegaleef sababa ta'eera.

Haleellaan kun Baha Giddugaleessaa garamitti geessa?

Pirezidant Tiraamp, Israa'el, biyyoonni Baha Giddugaleessaa hedduun akkasumas lammiileen Iraan baayyeensaanii mootummaan Rippaabilika Islaamaa kun xumuramee Iraan gara bulchiinsa dimokiraasiitti akka ceetu fedhu.

Iraan biyya addunyaa lixaa faana hariiroo gaarii qabdu taatee akka ijaaramtu fedhu.

Kun garuu ni milkaa'a jedhanii amanuun ni ulfaatu, haalli ta'aa jiru kanarraa fagoo jira.

Amma duulli kun US fi Israa'eliin durfama. Biyyoonni kunneendandeettii misaa'elootaa fi dirooniiwwanii Iraan laamshessuun biyyattiin akka meeshaalee waraanaa kunneen hin dhukaasne gochuu barbaadu.

Humni waraanaa eegdota Warraaqsa Iraan, IRGC, ammoo yaada lama gidduu jira, garuu ammatti haleellaa raawwachuurraa duubatti hin jenne.

Tokkoffaa dooniiwwan waraanaa US irratti haleellaa jabaa raawwachuun ittisa isaanii cimsuu yaadu.

Lammaffaa meeshaalee waraanaa dhoksaan qabatanii jiran dhukaasuurraa of qusachuun obsa kan Pirezidant Tiraamp caalu qabaachuudha.

Iraan akkuma misaa'elootaa fi dirooniiwwan hedduu qabdu, kanneen ishee waraananis sirna meeshaalee ishee dura dhaabbatu hedduu qabu.

Yoo osoo Iraan meeshaalee waraanaa qabdu harkaa hin fixin, diinonni ishee meeshaalee waraanaa fixan, haalli Galoo Galaanaa keessa jiru daran hammaataa ta'a.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Iddoowwan haleellaan Iraan qaqqabe hundatti balaliin xiyyaaraa adda citeera

Israa'el fi US humna isaan amma qaban yoo ilaalle Iraan irratti olaantummaa qabaachuu danda'u.

Biyyoonni lameen addunyaarratti humna guddaa qabu, diinagdeensaanii cimaadha.

Hundaa ol ammoo teeknooloojii waraanaa addunyaarratti akkaan ammayyaawaa ta'e qabu.

Ameerikaan xiyyaarota waraanaa 200 caalaniin haleellaa Iraan irratti raawwatti, waggootaaf dhiibbaa jala kan jirtu Iraan ammoo misaa'elootaa fi dirooniin alatti xiyyaarota waraanaa ammayyaawoo waan qabdu miti.

Gama kanaan Israa'el fi US olaantummaa guddaa qabu.

Gaaffiin guddaan amma jiru, US fi Iraan gara mariitti deebi'uu danda'uu? kan jedhuudha.

Yoo bulchiinsi Iraan dadhabe ykn kufe, kun waan ta'uu danda'u miti.

Garuu yoo sirni kun dandamatee ka'e Waashingitan gara mariitti deebi'uu dandeessi.

Biyyoonni lameen ji'a darbe Jeniivaatti mari'achuu dura wayita Omaanitti walga'anii turan adeemsi abdachiisaan akka ture mootummaan Omaan ibsee ture.

Iraan dhimma nukilaraan ala sagantaa misaa'elaa fi waa'ee hidhattoota Baha Giduugaleessaa irratti mari'achuuf qophii akka hin taane ejjennooshee ibsiteetti.

Tiraamp ammoo qabxiillee sadan akka ijoo mariitti dhiheesse.

Ammas taanaan yooma gara mariitti deebi'anillee qabxii irratti mari'atan irratti waliigaluu hin danda'an waraanni kun itti fufa jechuudha.

Kanaafuu waraanni kun garamitti akka qajeelu tilmaamuuf ammallee yeroon ganaadha.