Dubartii Indiyaa gabbara mormuu isheen dhiironni irraa goran
Dubartii Indiyaa gabbara mormuu isheen dhiironni irraa goran
Indiyaa keessatti yeroo sirni gaa'elaa raawwatamu gabbara kennuun bara 1961 irraa kaasee seeraan ala ta'eera.
Garuu ammallee maatiin misirroo maallaqa, uffataa fi meeshaalee faayaa kanneen akka warqee maatii misirrichaaf akka kennan gaafatamu.
Akka aadaa fi duudhaa biyyoota addunyaa hedduu, fakkeenyaaf akka Itoophiyaatti, dhiiratu gabbara kennee dubartii fuudha.
Biyya Hindiitti garuu warra intalaatu maatii abbaa warraaf gabbara kennanii heerumsiisu.
Barsiiftuun umrii waggaa 27 magaalaa Bopaal keessa jiraattu, 'barmaata hamaa' kana hambisuuf mallattoo diddaa walitti qabuu eegalteetti.
Gunjaan Tiwarii sababa gabbara kaffaluu diddeef dhiironni hedduun akka ishee dheessan himti.






