Elon Maask maaliif Maarsii dhiisee Addeessarratti magaalaa hundeessuu barbaade?
Madda suuraa, Reuters
Elon Maask maagaalaa of dandeesse Addeessarratti ijaaruuf karoora akka qabu beekise. Karoorri isaa kun waggoota 10 gaditti akka dhugoomu hime.
Abbaan qabeenya X, Teslaa, Ispees X fi sooressi addunyaa Elon Maask ergaan isaa kun si'a miliyoona 40 X gubbaatti daawwatameera.
Ergaan Ispees X karoora magaalaa Maarsiirratti hundeessuu jedhu gara Addeessarratti hundeessuu jedhutti jijjiire jedhu.
Elon Maask garuu maaliif yaada isaa jijjiire? Waayee 'magaalaa of dandeesse' addeessarratti ijaaruuf jedhuu maal beekna?
Maarsii caalaa Addeessa
Yaadni Addeessarratti magaalaa of dandeesse hundeessu jedhu karoorri isaa qindaawaan dhiyaate hin jiru, mul'ata Elon Maask X gubbaatti qoode qofatu jira.
Elon Maask, yaadicha addeessarratti qubsuma ilma namaa kan dhawaata qabeenyuma addeessarra jiruun babal'achuu danda'u hundeessuu jechuun ibse, Addeessatti deddeebinee waan agarre waan qabnuuf jedhe.
Maxxansa isaa kanaan, Maask akka jedhutti, "karoorri kun waggoota 10 gadi keessatti milkaawuu danda'a, karoorri Maarsiirratti magaalaa hundeessuu garuu waggoota 20 caalu fudhata" jedhe.
"Mul'anni Ispees X hin jijjiiramne: Yaadaa fi lubbuu hanga hawaatti erguun jiraachisuu kan jedhu."
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Maask akka jedhutti gara Maarsii imaluun kan danda'amu "ji'oota 26 keessatti imala al tokkootiin jechuunis wayita pilaanetoonni walitti dhufan qofa".
explained that it is only possible to travel to Mars when the "planets align every 26 months (six-month trip time)".
"Kana jechuun addeessarratti saffisa Maarsii caaluun ijaaruun xumuruun ni danda'ama jechuu dha."
Mul'anni Ispees X hin jijiiramne kan jedhu Eloon Maask mul'anni Maarsiirratti magaalaa hundeessuu "waggoota shanii hanga torbaa keessatti ni eegalama" jedhe.
Garuu mul'ata addeessarratti hundeessuuf kan dursi kennameef wabii qaroomina egereetiif bu'uura kaawufi, kan Addeessaa waan saffisuufi." jedhe.
Hordoftoonni fi dinqisiifattoonni isaa kan X irra jiran akka karoora kana dhagahanii saffisaan fakkii magaalaan Addeessarraa tun maal fakkaachuu akka dandeessu kaasaafi qoodaa turan.
Kuun isaanii hubannoo AI Grook kan Eloon Maask fayyadamuun magaalaan tun kan akkamii akka ta'uun akka maltu yaadaa turan.
Gabaasni Wall Street Journal irratti jalqaba ji'a kanaatti bahe akka agarsiisutti Maask magaalaa Addeessarratti hundooftuuf dursa akka kennanii fi karoora Maarsiirraa akka tursiise abbootii qabeenyaaf beeksise.
Bitootessa 2027 immoo xiyyaar-samiin nama nama malee gara Addeessaa akka ergamtu himeera.
Yaadichi karoora bu'uuraa yeroo dheeraa Ispees X asiin duraa Maarsii irratti xiyyeeffatuun wal faallessa.
Dhiyoo bara darbe keessa Maask, kaampaaniin isaa ergama gara Addeessaa dhuma bara 2026 karoorsee ture.
"Hin ta'u, kallattiin gara Maarsii deemna. Addeessi gufuu dha, " jedhee ture Maask Amajjii bara 2025 keessa X gubbaatti ergaa maxxanseen.
Maask yeroo hedduu mul'ata wayii yeroo hagasii keessatti galmaan ni geenya kan jedhu ni qaba. Asiin dura konkolaataa elektirikii yeroo hagasii keessatti ni milkeessina, konkolaataa shufeera malee deemtu yeroo hagasiitti ni hojjenna jedhee ture, garuu akkaataa karooraa yeroo inni jedhutti hin milkoofne.
Akkamiin milkaawuu danda'a?
Dr Sungwoo Lim,Yunivarsiitii Surreey kan biyya UK'tti barsiisaa, qorataa hawaati. Karoora Eloon Maask addeessarratti magaalaa ijaaruu kana "hawwii akka malee hiixataa" jedhaan. Garuu "Asoosama saayinsiis miti" jedha.
"Yaadni bu'uuraa- biyyoo Addeessarraa fayyadamuun oksijiinii, bishaanii fi meeshaalee ijaarsaa oomishuu adeemsa indaastiyaalaa lafarratti beeknuun raawwatama. Akka tiwooriitti ni raawwatama" jedha gaaffiif deebii BBC waliin tolcheen.
Qormaata wanni ta'u, akka Dr Liim ibsutti, naannoo rakkisaa Addeessarraa keessatti siistamni kunneen ni hojjetuu kan jedhu dha.
Addeessarra tempireecharri hamaa dha. Awwaarri olaanaa dha. Guulli harkisa Addeessaa gadi aanaa dha. Anniisaan murtaawadha.
"Addeessarratti amansiisaa ta'uusaafi dhiisuu isaa ammallee yaallii sirrii feesisa," jedha.
Ejensiiwwan hawaa kan mootummoonni hogganan "of eeggannoo" gochuu akka qabani jedha.
Maaliif jennaan, qabeenya uummataatiin hojjetu, adeemsa siyaasaa yeroo dheeraa keessatti waan hojiirra oolu waan ta'eef. Kun immoo saffisa ittiin yaaliin taasifamu ni qora.
Ispees X immoo hojmaata addaa kan ofiisaa qaba"jedha Dr Liim.
"Siistamni rokkeettii haaraan yoo akkaataa karoorfameen dalage, meeshaalee gara Addeessaa irra deddeebiin gatii salphaan erguu danda'a. Kun immoo adeemsa kana saffisiisa."
Dr Ugur Guven, Daarektarri wiirtuu qorannoo Eeroospeesii fi Inarjii kan GD Yunivarsiitii Go'eenkaa biyya Hindii, Addeessi qubsuma ilma namaaf akka qaamolee hawaa kaanirra wayyoo qabdu himu. Dhiyeessii saffisaa fi deebii yeroo balaa hatattamaaf jedhe.
"Yoo rakkinni wayii dhalate, qubsuma qabda waan ta'eef, hordofuuf battaluma ergama erguuf salphaa dha" jedhe BBC'tti yoo dubbatu. "Imalli lafarraa gara Addeessaa guyyoota lamaa hanga sadii qofa"
Akkasis ta'ee akka Dr Liim jedhutti "magaalaa of dandeesse Addeessarratti dhugoomsuun hawwii yeroo dheeraa fudhatu"
"Dhiyeessii dachiirraa dhufuun alatti Nyaata magarsuu fi siistama waa hundisaa cufaa waa hunda riisaayikil godhamuun kana dhugoomsuun baay'ee wal xaxaadha"
Wanni akkanaa waggoota kurnan hedduu fudhatu fakkaata. Mul'anni isaa waan milkaawuu danda'u dha. Dhawaata marsa marsaan malee waan al tkkatti milkaawu miti"
Yunivarsiitii Nootir Daam kutaa Indiyaana USA'tti Profeesarri siiviilii fi Invaayiroonmentaal Injinariingii fi saayinsii lafaa Kiliiv Niil, abuurraa Addeessaa qoratu. Isaan yaada Dr Liim kanatti walii galu.
"Hanga qabeenyi ijaarsaf hojiirra ooluu danda'u, Addeessarra jiraachuu isaa qorannoon waliigalaa godhamee baramuttii fi diinagdaawaa ta'uusaa baramutti yaadni magaalaa of dandeesse Addeessarratti hundeessuu qabatamaan hojiirra ooluu danda'uusaa afaan guutanii dubbachuun rakkisaa dha" jedhe BBC'tti yoo dubbatu.
Dr Liim akka amanutti, qabiyyeen Addeessaa xiqqoo kan waggoota 10 keessatti oksijiinii oomishuu fi bishaan baasuu dandeessisu dhugoomsuun ni danda'ama. Kun immoo jijjiirama bu'uuraa guddaa dha jedha.
Astiroonaawutiin duraanii NASA fi amma piroofesarri eeroonaatiksii fi astroonaatiksii Institiyuutii Teknoolojii Maasaachuseet Jeefrii Hofmaan, Addeessarratti loojistiksii dhiyeessuun ni danda'ama, kunis kan milkaawu yoo Ispees X fi Blue Origin [kaampaaniin teknolojii hawaa kan Amaazon kan Jeef Beezos] wal tahuun yoo xiyyaar -samiiwwan Addeessarra turan (lunar landers) ijaaruu danda'ani.
Maarsiidhaaf garuu tarkaanfii dheeraatui hafa jedhan.=
Haa ta'uu malee, Prof Hofmaan, qubsuma addeessarratti ijaaramudha kan qubsuma Maarsiirratti ijaaramuuf bu'uura ta'uu danda'u.
Dr Guven yaada kanatti walii gala. Bu'uurri Addeessarratti tolfamnaan, Maarsii dhaqqabuun baay'ee salphata. Wanti Addeessarratti dalagamu "dhakaa bu'uuraa|" Maarsiirratti dalagamuuti.
Dorgommii hawaa dabalaa dhufe
Madda suuraa, Reuters
Yaadni Eloon Maask, wayita Ameerikaa dorgommiin hawaa jabaan Chaayinaarraa ishee mudatetti kan dhiyaate.
Erga 1972 Ergamni NASA Appooloo 17 jedhamu Addeessarra qubatee namni gara Addeessarra ejjete hin turre.
Maask Ispees X kaampaanii Hubannoo namtolchee (AI) ofii hogganu, startup xA jedhamu, kan rokkeettii fi saatalaayitiirratti hojjetu horachuu hime.
Qabeenyi Space X dolaara tiriliyoona tokko yoo ta'u kan dhaabbata haaraa AI kanaa immoo dolaara biliyoona 250.
Dhaabbanni haaraan kun hawwii isaa kana galmaan gahuuf tumsa jabaa akka ta'uuf hime.
Hawwii wiirtuu daataa Ispeesii keessatti hundeessuu, inni kun immoo daataa guguddaa AI hogganuuf kan oolu ta'a.
Maask, Ji'a darbe, karoora wiirtuulee daataa miliyoona tokko ta'an hawaa keessa kaawuuf akka qabu himee ture. Sagantaan kun fedhii wiirtuuwwan daataa lafarraa kan itti fayyadama AI ka'umsa godhachuun dabalaaa jiru guutuuf akka fayyadu hawwa.
Hawwiin kun sababa hanqina haala qilleensaa giraafiksii qorrisiisuuf dandeessisan hawaa keessaatiin dhugoomsuun akka rakkisu ogeeyyiin gariin shakkii qaban ni himu.
Ji'a darbe Maask, X gubbaatti yoo yaada kennu, NASA'n bara kana galii SpaceX argatu 5% gadi argata jedhee ture.
SpaceX hojii kontiraataa NASA kan sagantaa Artemis Moon programme, jechuunis sagantaa Addeessarra qubachuu fudhatee hojjetaa jira.
Isin hin darbiin
Maaltu haasa'ama?
Baay'ee kan jaalatame
Qabiyyeen kun hin argamne