MM Abiy waa'ee haleellaa Iraan Kuweetiifi Kataaritti raawwate maal jedhan?
Madda suuraa, Getty Images
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad guyyaa Dilbataa haleellaa Iraan Kuweet irratti raawwatte balaaleeffachuun gabaafame.
Bulchaan Itoophiyaa kana dubbachuun isaanii kan ibsame haleellaa Iraan hordofee gaafa Dilbataa Ilma Mootii Kuweet Sheek Sabaah Kaalid Al Hamaad waliin bilbilaan marii taasisaniini.
Waraanni Yunaayitid Isteet - Israa'el fi Iraan gidduu torban darbe gaafa Sambataa eegale hammaatee itti fufeera.
Waraana kana keessatti hogganaan olaanaa Iraan Ayaatolaa Alii Kaamenii dabalatee aangawoonni olaanoo biroo Iraan ajjeefamaniiru.
Iraan isa haaloo bahuuf jecha biyyoota Galoo Galaanaa michuu Yunaayitid Isteet ta'anitti haleellaa qilleensaa cimsiteetti.
Haleellaa kanaanis miidhaan dhaqqabeera, biyyoonni kunis mufii jabaa ibsaa jiru.
Kanneen haleellaan irratti raawwatame keessaa tokkommoo Kuweetidha.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad marii Ilma Mootii Kuweet waliin marii taasisaniin birmadummaa biyyattiifi daangaa qilleensaa isheerratti haleellaa raawwatu cimsanii balaaleeffachuu isaanii Maddi Oduu Kuweet (Afaan Ingilizitti geessa) gabaaseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haa ta'u malee, dhimma marii kanaas ta'e waa'ee dubbatan waajjirri Ministira Muummee Itoophiyaas ta'e Ministirri Muummee Abiy Ahimad waan miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti ibsan hin qaban.
Dhimmoota dureewwan biyya alaa waliin taasisan osoo miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti hin ibsin dhiisuun garuu haaraa miti.
Akka gabaasa miidiyaa Kuweetitti wanti raawwate seera idil addunyaas ta'e chaartara Biyyoota Gamtoomanii kan cabsedha jedhaniiru.
MM Abiy bilbilaan marii taasisan irratti lammiilee Kuweet fi dhaabbilee biyyattiirratti haleellaa raawwatu balaaleeffataniiru jedhameera.
Dabaluunis, mootummaan Kuweet fi hooggansi biyyattii birmadummaa biyyattii, tasgabbiifi nageenya ishii kabachiisuuf tarkaanfii fudhattu maraaf deeggarsa isaanii ibsuu gabaafameera.
Haleellaa Iraan guyyaa Dilbataa Giddugala Bahaatti raawwatteen Kuweet keessatti lubbuun nama tokko darbuu ibsameera.
Gaafa Wiixataa haleellaa Kuweet itti dhiheenya Embasii Ameerikaatti dho'insi dhagahamuu miidiyaaleen biyyattii gabaasaniiru.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad Emirii Kataar waliin waraana adeemaa jiruurratti mari'achuunis gabaafameera.
Mootummaan Kataar ibsa baaseen (Afaan Ingilizitti geessa) akka jedhetti, dureewwan lamaan gaafa Wiixataa mari'atan.
MM Abiy haleellaa Iraan hordofee haala Kataar keessa deemaa jiruurratti gaafachuufi Itoophiyaan haala kana keessatti Kataar bira akka dhaabattu dubbatuun ibsameera.
Akka ibsa kanaatti, MM Abiy Kataar haala amma jiru ''karaa nageenyaafi tasgabbii'' Kataar mirkaneessuun akka furan amantaa akka irraa qaban dubbataniiru.
Emiriin Kataar Sheek Tamiim bin Hamaad Al Taanii gama isaaniin ''michummaa isaaniif'' gama isaaniin bulchaa Itoophiyaaf galata dhiheessuufi hariiroo gaarii biyyoonni lamaan qaban leellisan..
Dureewwan lamaan naannicha nageenyatti deebisuuf mariifi furmaata dippilomasiif akka dursi kennamu dubbachuun isaanii ibsameera.
Waa'ee marii kanaa gama mootummaa Itoophiyaa wanti jedhame hin jiru.
Iraan erga waraanni eegalee biyyoota Galoo Galaanaa kanneen akka Baahireen, Kataar, Sa'udi Arabiyaa, UAE fi Kuweet keessatti haleellaa raawwatteetti.
Biyyoonni Iraan haleelte kunneen hunduu kanneen Waashingitan waliin hariiroo waraanaa qabaniidha.
Osoo Warraaqsi Islaamaa biyyattii keessatti olaantummaa hin qabatin, bara bulchiinsa mootummaa abbaa gonfoo (Shah) Iraan ''eegduu Galoo Galaanaa- Policeman of the Gulf'' jedhamtee beekamti turte.
Warraaqsa boodas biyyattiin ga'ee kana qabaattee akka itti fuftu biyyoota ollaa amansiisuuf yaalaa turteetti.
Iraan Warraaqsa Islaamaa jalatti bulchiinsa kana Galoo Galaanaa Pershiyaa jettiin ykn afaan isheen Khaleej-e-Fars jettiin, biyyoota Arabaa ammoo Galoo Galaanaa Arabiyaa jechuun waamu.
Aanga'oonni Iraan biyyoonni Arabaa humnoota US Galoo Galaanaa keessaa baasuun, bakkasaa biyyattii akka eegduu isaaniitti akka bakka buufatan dhiibbaa uumaa turaniiru.
Garuu biyyoonni Galoo Galaanaa- hedduunsaanii sirna duriitti cichan, mootummaa gonfoon bulan, warraaqsa Rippaabilika Islaamaa kanatti waan hin gammadneef, dhiibbaa Iraan kana akka dhimma daangaa darbeetti fudhatu.
Biyyoonni kunneen bulchiinsa Iraan amma jiru faana deebisanii hariiroo tolfachuun baayyee ulfaachuu mala.
Kunuu yoo bulchiinsichi waraana kana dandamatee keessa darbedha.
Humnoota waraanaa US fi biyyoota lixaa kaan keessummeessuun daran kan beekaman Omaan fi Sa'uudii Arabiyaan, haleellaa Iraaniin akka biyyoota Galoo Galaanaa kaanii hin miidhamne.
Omaan Iraan faana hariiroo mishaa qabdi. US fi Iraan akka dhimma nukilaraa irratti mari'ataniifis haala mijeessitee turte.
Itoophiyaan Ameerikaa, Israa'elis ta'e Iraan waliin hariiroo qabdi.
Isin hin darbiin
Maaltu haasa'ama?
Baay'ee kan jaalatame
Qabiyyeen kun hin argamne