US fi Israa'el maalif Iraan haleelan, waraanni kun hagam turuu mala?
Madda suuraa, EPA
Haleellaa US fi Israa'el Iraanirratti banan hordofee Baha Jiddu-galeessaa keessatti walitti bu'iinsi babal'ateera.
Iraan michuuwwan US biyyoota Galoo galaanaa irratti xiyyeeffachuun haleelaa jirti. Haleellaan Iraan iddoowwan qiyyaafannoo waraanaan alatti, iddoowwan nagaa fi buufataale boba'aarrattis kan xiyyeeffate.
Waraanni kun saffisa olaanaan babal'ataa jira, Saayipirasii fi Libaanon illee guyyoota dhiyoo ofitti harkisaa jira, waraana laafaa jiru miti.
Iraan keessatti maaltu deemaa jira?
US fi Israa'el Guraandhala 28 kaasee haleellaa babal'aa Iraanirratti banan. Haleellaa kanaan bu'uuraalee misaayelootaa, maandhee waraanaa fi hoggansaarratti kan xiyyeeffate ture.
Danbalii haleellaa marsaawwan duraatiin Hogganaa olaanaan Iraan biyyatti bara 1989 kaasee bulchaa turan, Ayaatolaa Alii Kaameenii ajjeefamaniiru
Waraanni Israa'el hoggantoonni olaanoo ciccimoon Eegdota Warraaqsaa Islaamummaa (IRGC) hedduun ajjeerfamanii jedhe.
Ajajaa olaanaan Eegdota Warraaqsa kanaa fi Ministeerri kaawunsilii waraanaa dabalatee jedhe.
Haleellaan US-Israa'eli guyyaa jalqabee kaasee hanga Kibxata Bitootessa 03, 2026tti qofa lammiileen Iraan 787, ajjeefamuu Waldaan Baatii Diimaa Iraan hime.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ameerikaatti kan argamu dhaabbanni mirga namoomaa Human Rights Activists in Iran (HRANA) immoo daa'imman 176 dabalatee namoonni nagaa 742 ajjeefaman jedhe.
Haleellaan US fi Israa'el Iraanirratti raawwatan itti fufeera. Teehraanii fi humni galaanarraa Iraan rukutramaa jiru.
Iraan US fi Israa'el Sanbat-duraa haleellaa hamaa mana barnootaa dhiyeenya waajjira IRGC Kibba Iraan irratti raawwatan jechuun himatte.
US gabaasa miidhaa kanaa nan qoradha yoo jettu, Israa'el oppireeshinii bakkichatti raawwatame "quba hin qabu" jette.
Teehraan US fi Israa'el hospitaalota sagal haleelan jechuunis himatte.
Israa'el gabaasa haleellaa hospitaalaa irratti kenniteen Hospitaalli Teehraan keessaa ollaa buufata waraanaa jiraachuu ibsitee, garuu hospitaalichi qiyyaafannoo koo hin turre jette.
Dhimma kanaratti BBC'n ajaja jiddugaleessaa Ameerikaa (US Central Command (Centcom)) akka yaada kennuuf dubbisee ture.
Iraan keessa interneetiin ugggurameera, daangaan qilleensaas cufameera.
US fi Israa'el maaliif Iraan haleelan?
US fi Israa'el haleellaa kana "dursanii of ittisuu (pre-emptive)": US Israa'el akka Iraan haleeluuf akka jirtu dursitee akka quba qabduu fi isheenis Iraan osoo buufataalee waraanaa koo irratti haaloo hin bahin, haleeluu himatte, Israa'el balaa isheerratti "aggaa'ame dursitee fashalsuuf" waan jetteef.
Garuu, sababoonni ijoon dhokatoon biroos jiru
Israa'elii fi michuun ishee US bara warraaqsa Islaamummaa Iraan 1979 kaasee diinota Iraan turan. Hoggantoonni Iraan irra deddeebiin Israa'el balleessuuf dhaadachaafi Ameerikaa akka diina isaanii ijootti balaaleffachaa turan.
Biyyoonni lamaan mormii sagantaa niwukilaraa biyyoota lixaa dursaa turan. Iraan niwukilarii gabbisuu feeti jedhu. Iraan hadheeffattee haalti.
Waxabajjii 2025 buufataalee niwukilarii fi waraanaa Iraan haleelanii turan. Waraanni yeroosii guyyoota 12 ture.
Yeroo sanaa kaasee, Iraan sagantaa niwukilarii ishee irra deebiin ijaaraa akka jirtuu fi dandeettii misaayeloota ishee dagaagsuun sadarkaa niwukilarii dhukaasisuu danda'urraan gahuuf hojjechaa jirti jechuun himachaa turan.
Qorannoo humna tikaa Ameerikaatiin deeggaramuu baatus, Tiraamp misaayeloonni ishee kunneen US akka dhaqqabuu danda'an dubbate.
Israa'erl gama isheetiin, Iraan yaaddoo kiyya jettee fudhatti. Sagantaan niwukilaraa fi misaayelaa ishee guututti akka haqamuu fi mootummaan akka jijjiiramu feeti.
Ameerikaan akka Iraan haleeltu kan dhaadachuu eegalte Amajjii kaasee ture. Hiriira mormii biyyattii keessa turerratti sarbama raawwatte Iraan.
US fi Iraan garuu marii eegalanii turan. Karaa gaariirras ture. Tiraamp boodarra haala mariin kun deemaa jirutti "hin gammadne" jedhe.
Inni kana jedhee sa'aatiiwwan gabaabaa keessatti US fi Israa'el haleellaa banan.
Madda suuraa, Reuters
Deebiin Iraan maal ture?
Iraan haleellaa US fi Israa'el kana "dubbii barbaacha, seer-maleessa fi fudhatama kan hin qabne", jetteen. Haleellaa misaayelootaa fi diroonii babal'aadhaan haaloo bahuu itti fufte.
Eegdota Warraaqsaa Islaamummaa (IRGC) mootummaa Israa'elii fi buufataalee waraanaa Tel Aviivi fi bakkeewwan biroo irratti qiyyaafachuu hime.
Biyyoota dawoo buufata waraanaa Ameerikaa ta'an - Kaataar, Baahireen,Jordaan, Yunaayitid Arab Emireets (UAE) fi Kuweet akkasumas michuuwwan US-Omaanii fi Saa'udi Arabiyaa haleeluun ishee gabaafame.
Iraan kana malees haleellaa ishee babal'isuun guyyoota as aanan, dooniiwwan, lafa nagaa- Hoteelota Dubaayi fi Imbaasii Ameerikaa Saa'udi Arabiyaa, Riyaad haleelte.
Iran has been accused of widening its attacks to include other targets in recent days, including on shipping, civilian sites - including hotels in Dubai - and the US embassy in Saudi Arabia's capital, Riyadh.
US fi michoonni ishee Arabaa ibsa waloo baasaniin haleellaa Iraan kana balaaleffatanii jiru.
"Bakka nagaa fi biyyoota lola keessa hin jirre haleeluun akkafeetummaa fi amala jeequmsaati" jedhan.
Bakka biraatti immoo, buufatni waraanaa Biriitish kan Saayippiras keessa jiru dirooniidhaan haleelamuu, Ministeerri Ittisaa UK himate. Pireezdaantiin Saayipirasis Iraan komatan.
Gama kaaniin, jeettiiwwan lolaa US Kuweet keessatti rukutamanii kufan, kana "haleellaa gita keenyarraa raawwatameeni" jedhe waraanni Ameerikaa kanaan. Paayilatoonni homaa hin taane.
Loltoonni Ameerikaa jaha yoo dhuman, 18 madaawaniiru hanga Wiixataatti akka Centcom jedhutti.
Ministeerri dhimmaa alaa US lammiileen Ameerikaa biyyoota Baahireen, Ijipt, Iraan, Iraaq, Israa'el, Westbaanki fi Gaazaa, Jordaan, Kuweet, Libaanon, Omaan, Kaataar, Saa'udi Arabiyaa, Sooriyaa, Yunaayitid Arab, Emireetsi fi Yaman keessaa "akka bahan" hubachiise.
Libaanon keessa hoo maaltu deemaa jira?
Libaanon keessatti addi lolaa haaraan banameera.
Beerutii fi kibbi kutaalee Libaanon haleellaa Israa'eliin rukutaman, Israa'el haleellaa rokkeettii hidhattoonni Hizboolaan isheerratti bananiif deebii kennaa jiraachuu himte.
Hizboolaan michuu mootummaa Iraan yoo ta'u, ajjeechaa Ayaatolaa haaloo bahuuf akka barbaadu himata.
Kibxata ministeerri ittisaa Israa'el loltoonni lafoo seenanii iddoowwan tarsimawoo dabalataa Libaanon akka qabatan beeksise. Kun haleellaa Hizboolaa dhaabsisuuf jedhe.
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii erguma muddama kanaa namoonni 30,000 qe'ee gadhiisanii buqqa'uu hime.
Waraanni kun diinagdee fi gatii inarjii irratti dhiibbaa akkamii qaba?
Jeequmsi Baha Jiddu-galeessaa diinagdee addunyaarrattis dhiibaa uumaa jira.
Teehraan dooniiwwan Galoo galaanaa keessaa haleeluunis himatamte. Sulula Hormuz cufuufis dhaadatte, kun ulaa dhiyeessiin boba'aa fi zayita addunyaa 20% keessa darbu dha.
buufataalee boba'aa fi gaazii guguddoos haleeluun ishee gabaafame. Buufata boba'aa Omaan Duqm commercial port fi Fujairah terminal kanneen haleelamani.
Kun immoo buufataalee boba'aa fi gaazii jajjaboon addunyaa akka oomisha adda kutan godheera. Kanneen keessaa Oomishni gaazii uumamaa qulqulleessu Kaataar (LNG) fi warshaan boba'aa qulqulleessu kan Sa'udi Arabiyaa fa'i keessatti argamu.
Gatiin zayitaa fi gaazii olka'eera. Zayitni Brent barmeelin tokko Adoolessa 2024 booda yeroo jalqabaaf Wixata 85$ galeera.
Namni Ayaatolaa Kaamenii bakka bu'u akkamiin filamuu danda'a?
Iraan hogganaa olaanaa haaraa safiisaan akka filtu himte.
Manni maree hoggansa cehumsa hundaayee yeroo biyyattii akka bulchu himame.
Manni maree kun President Masuud Pezeshkiyaan, hoggana mana murtii Gholamhossein Mohseni Ejei and senior cleric Alireza Arafi fa'i qaba.
Filannoon idilee hogganoota amantaa 88'n murtaa'a. Yaa'ii ogeeyyii jedhama kun.
Heera biyyattii jalatti, hoggantoonni amantaa kunneen hoggana olaanaa haaraa saffisaan filachuu qabu, kun haala amma biyyi keessa jirtuun rakkisaa ta'uu mala.
IRGC ajajaa olaanaa muudee jira, Ahmad Vahiidii ajajaa olaanaa haarawa.
Gara Baha Jiddu-galeessaa imaluun hin yaaddessuu, Waraanni kun hagamiif itti fufa?
Pirezdaantiin US Donaald Traampi Wixata yoo dubbatu waraanni kun "torban afur" jedhamee karoorfamuu fi yoo itti fufes Ameerikaan rakkoo akka hin qabne ibse.
Sanbat-duraa, Ministirri Muummee Israa'el Benjaamin Netaaniyaahuu duulli kun "Hanga yeroo fedha keenyaatti kan itti fufu" jedhanii turan.
Waraanni kun danqaa sirna daldala addunyaa erga weerara Covid-19 as mudatee hin beekne uume. Daandiiwwan qilleensaa baay'een cuccufaman, Baha Jiddu-galeessatti balalliiwwan kumaatamaan lakkaawan haqaman.
Tajaajilli balallii muraasni kka Emireetotaa fa'i banamanis. Baay'een ammallee cufaadha. Balalliin Etihad hanga Kamisaa adda cituu daandiin qilleensaa kun beeksise.
Balalliin Kaataar irraa godhamu akkuma adda citetti jira. Daangaan qilleensaa naannichatti waan cufameef.
Ministeerri dhimma alaa UK, Waajjirri Komanweelz endi developmenti namni gara Baha Jiddu-galeessaa imalu kamuu akeekkachiisa imalaa weebsaayitiirra jiru akka ilaalu hubachiise.
Isin hin darbiin
Maaltu haasa'ama?
Baay'ee kan jaalatame
Qabiyyeen kun hin argamne