'Sararri diimaan hunduu darbameera'-Biyyoota Galoo Galaanaa

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Buufata Xiyyaaraa Jabal (Dubaayi) kan sababa haleellaan abiddi itti qabate Jebel Ali Port caught fire due to debris from an intercepted missile
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Biyyootni Galoo Galaanaa Waraana haaraa Baha Jiddu-Galeessaatti dhalateen jiruun warra fuuduraa hunda dura Irreen Iraan irra bu'aa jirudha. Baay'ee aaranii jiru.

Iraan Ameerikaa fi Israa'el haaloo bahuuf misaayeloota fi diroonota dhibbaan lakkaawamaniin olloota ishee biyyoota Arabaa olloota ishee haleelaa jirti. Buufatalee waraanaa Ameerikaa dachii Arabootaarra jiran, iddoowwan nagaa fi wiirtuuwwan inarjii haleelaa jirti.

Kana gochuudhaan maqaa gaarii biyyootni Galoo Galaanaa nagaa, wiirtuu badhaadhinaa, hawwata daawwannaa, tuurizimii fi maallaqaan qaban balleessuu fi indaastirii zayitaa fi gaazii bu'uurarraa addaa kutuu feeti.

Waraanni waraana mootummoonni Arabaa hin hin feenee fi ittisuuf carraaqqii gochaa turanii dha.

Gaaffii ijoon waraana haleellaa Iraan kan isaan "biyya gantuu" jedhaniin kanatti makamu moo kan jedhu ta'a.

"Sararri diimaan hunduu qaata cehamee jira" jedhan dubbii himaan ministeera dhimma alaa Kaataar Majiid al Ansaarii ibsa Kibxata kennaniin.

"Haleellaan birmadummaa keenyarratti godhamuu ifa dha" jedhan.

"Bu'uuraaleerratti haleellaan godhamaa jira. Manneen jireenyaarratti haleellaan raawwatamaa jira. Miidhaawwan haleellaa kanneenii immoo waan ifatti mul'ataa jiru dha. Haaloo bahuu ilaalchisee carraa hunduu harka hoggansa keenyaa jira. Garuu, wanti ifa gochuu feenu haleellaawwan akkanaa callifnee waan laallu akka hin fakkaanne, harka marannee waan teenyu miti."

Ibsa waa'ee viidiyoo, Aara buufata galaanaa US- Baahireen irraa mul'atu S
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Misaayeloonni Iraan riijinichatti furgugfaman baay'een qolatamanii jiru. Caccabaan isaanii kukkufu garuu abidda qabsiisuun nama ajjeesaa jira. Dirooniiwwan salphuamatti humna qilleensaan qolatamu. Balaan isaan qaqqabsiisan xiqqoodha. Garuu unkurama salphaa hin uumne, daldalaa fi imala jeeqaa jiru.

Kun tarsiimoo Iraan fakkaata. Biyyoonni Arabaa dhiibbaa Ameerikaa fi Israa'elirrarratti akka jabeessanii fi waraanni dhaabbatu yaaddoo olloota ishee ol kaasufi.

Iraan diroonotaa fi misaayeloota hedduu gara gara Yunaayitid Arab Emireetis darbatte. UAE akkuma Israa'el biyya Galoo Galaanaatti wiirtuu daldalaa fi tuurizimii ta'uun olaantummaa qabdudha akka Financial Times jedhutti.

Iraan qabeenya indaastirii zayitaa fi gaazii naannichaa akka tooftaa waraanaatti dhimma itti bhauun diinagdee addunyaa danquun rifaatuu uumuu dandeessi.

Tarsiimoon Teehraan kun garuu Teehraanif deebi'ee balaa ta'uu danda'a. Iraan biyyoonni Galoo Galaanaa Waashingtan waliin akka hiriiran jajjabeessaa jirti-karaa ta'een waraanatti akka makaman.

Hanga yoonaa, US daangaa qilleensaa isaanii fayyadamtee akka haleellaa qilleensaa hin raawwanne didaa turaniiru.

Kun amma jijjiiramuu danda'a. Yeroo wayiitti waraana kanatti hirmaachuuf murteessuu danda'u.

Amma murtoo akkasii yeroo murteessanirra hin geenye. Ammaaf Araboonni of ittisuurratti fuulleffatanii jiru. Garuu, yaada isaanii jijjiiruuf hanga waraanni kun turutu murteessa.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Buufanni xiyyaaraa Dubaayi yoo miidhamu

Gariin isaanii Israa'el waliin dhaabbachuuf of qabaa jiru.

Dhumaatii fi mancaatiin Israa'el Gaazaarratti Onkololeessa 2023 kaasee raawwatte, hirmaannaan waraaanaa isheen Libaanonii fi Sooriyaa keessatti qabdu hariiroo isheen biyyoota Arabaa faana qabdu hadheessaa dhufeera.

Bara darbe yeroo Israa'el hoggansa Haamaas ajjeesuuf Kaataar haleeltu biyyoonni arabaa akka malee dallananii ture.

Wanti amma ifatti mul'atu haleellaan Iraan tokkummaa biyyoota Arabaa kan Galoo Galaanaa jabeessaa jira.

Biyyoonni miseensota Mana Maree Gamtaa Biyyoota Galoo Galaanaa- Sa'udi Arabiyaa, Kuweet, Kaataar, Baahireen, Yunaayitid Arab Emireetsi, fi Omaan walgahii hatattamaa Dilbata taa'aniin nagaa fi tasgabbiisaanii tiksuuf gamtaan dhaabbachuu fi tarkaanfii barbaachisu hunda fudhachuudhaan tokkummaa daangaawwan isaanii, lammiilee isaanii, jiraattotaa tiksuuf haleellaa kanaaf deebii akka kennan" ibsan.

Dippiloomaatii gameessi gorsaa Preezdaantii Emireetii, Anwar Gargash, Iraan akka qalbiitti deebitu akkeekkachiisaniiru.

"Lolli kee olloota kee wajjin miti, " jedhan X isaanii gubbatti. "Qalbii keetti deebi'i, osoo akka malee hin qoolleffatamaninii fi muddamni kun hin babal'atin olloota kee wajjin sababaan haasayi, gaafatamummaan socho'i" jedhan.